Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Beetkiing Priimayeer Liigii Ityoophiyaa Hawaasaatti gaggeeffamaa ture har’a ni xumurama

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC) – Taphoonni Beetkiing Priimayeer Liigii Ityoophiyaa marsaan jalqbaa magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa ture har’a xumura aragata.
Taphni Har’a waaree booda sa’aatii 9:00 irraa eegalee Magaalaan Bahaar Daar Adaamaa waliin taphatu xiyyeeffannoo olaanaa argateera.
Magaalaan Baraah Daar garaagarummaa qabxii dursaa Priimayeer Liichaa Faasil waliin qabu dhiphifachuuf gara Dirree kan seenu yoo ta’u, magaalaan Adaamaa sadarkaa gadii keessaa ba’uuf kan taphatu ta’a jedhame.
Leenjisaan magaalaa Bahaar Daar duraanii Faasiil Takkaalenyi har’a Adaamaa dursuun kilab isaa duraanii waliin falmachuun isaanii taphichi si’oominaan akka eeggamu taasiiseera.
Tapha biroon Priimayeer liigichaan galgala sa’aatii 12:00 irraa eegalee Magaalaan Hawaasaa Magaalaa Aarbaa Minci waliin taphatu.
Taphoota hanga ammaatti taphatameen Magaalaan Faasiil qabxii 18 liigichaa dursaa kan jiru joo ta’u, magaalaan Adaamaa qabxii 9 sadarkaa 14 irratti argama.
Jimmaa Abbaa Jifaar taphoota 9 gaggeesseen qabxii 1 qofa argachuun sadarkaa dhumaarratti argama.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.