Fana: At a Speed of Life!

Taphni Xumuraa Waancaa Awurooppaa har’a gaggeeffama

Finfinnee, Adoolessa 7, 2016 (FBC)-Taphni xumuraa Waancaa Awurooppaa 17ffaan tapha Ispeenii fi Ingiliz gidduutti gaggeeffamuun har’a goolaba argata.

Taphni Waancaa Awurooppaa keessummeessummaa Jarmaniin Waxabajjii 7, 2016 Irraa eegaluun gaggeeffamaa turuun ni yaadatama.

Tapha xumuraaf kan ga’an Ispeenii fi Ingiliz Waancaa Awurooppaa argachuuf ijibbaanni falmatan akkaan eegama.

Taphichis galgala sa’aatii 4:00 irraa eegalee gaggeeffama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.