Fana: At a Speed of Life!

Taphni xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa boru Istaadiyeemii Weembileeyitti taphatama

Finfinnee, Caamsaa 23, 2016 (FBC) –Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni xumuraa boru Istaadiyeemii Weembileeyitti Riyaal Maadridii fi Boorishiyaa Doortimandi gidduutti taasiifamu hawwiin eegama.
Falmiin boru halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee Kilaba Ispeen Riyaal Maadridii fi kan Jarman Boorishiyaa Doortimandi gidduutti taasiifamu kun xiyyeeffannoo olaanaa argateera.
Maadrid waancaa Shaampiyoons liigii yeroo15ffaaf injifachuuf taphata.
Doortimandi ammoo seenaa bara waldorgommii waancaa shaampiyoons liigii 1996/97 Juuveentus irratti raawwate Maadirid irratti dabaluun waancaa kana yeroo 2ffaaf fudhachuuf falmata.
Kilaboonni lamaan taphoota 5 kana dura waliin taphatan keessaa Riyaal Maadrid yeroo 2 yoo injifatu, Doortimandi si’a 1 injifachuun taphoota lamarratti qabxii qoodataniiru.
Toonii Kiroos tapha xumuraa Weembileey booda Kilabicha gadi dhiisuu ifatti dhaammataa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.