Taphni waancaa Komuunitii Shiildii, tapha Maanchistar Siitii fi Liveerpuuliin galgala har’aa eegala
Finfinnee, Adoolessa 23, 2014 (FBC) – Pirimeerliigiin Ingilaandi walmorkii taphaa bara Faranjootaa 2022/23 tapha waancaa Komuunitii Shiildii, Maanchistar Siitii fi Liveerpuul gidduutti galgala har’aa keessummeeffamuun ni eegala.
Kilabootni dureeyyii Pirimeerliigii Ingilaandi gahumsaa fi dandeettii jabaa qabanitti taphattoota ciccimoo Addunyaa kubbaa miilaa Maanchistar Siitiin Eerlingi Haalandi, Liveerpuul Daarwiin Nuunez qabachuun taphattoota fuula haaraa deeggartoota kilaboota isaanitti agarsiisuuf qophii xumuraniiru.
Maanchistar Siitii fi Liveerpuul Pirimeerliigii Ingilaandi bara wal-dorgommii 2021/22 hanga guyyaa dhumaatti mormatti wal-qabuun garaagarummaa qabxii tokkoon imalli shaampiyoonummaa liigichaa xummurame.
Beellamni Peep Gaardihollaa fi Jargeen Kiloop har’a galgalaa haaloo bara darbee fi qophii olaantummaa liigichaa bara kanaa gamanumaa qajeelfachuu of-keessaa qaba.
Tapha waancaa Komuunitii shiildiin kilabni Jargeen Kiloop Liveerpuul yeroo 15 shaampiyoonaa taheera.
Maanchistar Siitii kilabni Peep Gaardihollaa jalatti gama waancaa Pirimeerliigii Ingilaandiin 2ffaa dhalachaa jiru Komuunitii Shiildiin hagas mara wal-hinbarre.
Yeroo 6 qofa waancaa Komuunitii Shiildiitti firoomuuf carraa argate.
Tapha saaqiinsaa Pirimeerliigii Ingilaandi bara waldorgommii 2022/23’n Maanchistar Siitii fi Liveerpuul, Peep Gaardihollaa fi Jargeen Kiloop, Eerlingi Haalandi fi Daarwiin Nuunez har’a galgala sa’atii 1’tti dirree Leezistaar Siitiitti ijibbaata kubbaa miilaan walmorkachuuf qophii xumuraniiru.
Iddoosaa Abdiitiitu gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.