Fana: At a Speed of Life!

Taphni Waancaa Afrikaa bara Faranjootaa 2021 baatii Amajjii kan gaggeefamu ta’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Taphni Waancaa Afrikaa bara Faranjootaa 2021 baatii Amajjii keessaa kan gaggeeffamu ta’uu Kaameeruun beeksiifte.

Guyyaa kaleessaa Konfedereshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa fi Federeshiniin Kubbaa Miilaa Kaameeruun waltajjii gaggeesaniin taphni waancaa bara Faranjootaa 2021 Amajjii 1 hanga 29 tti akka gaggeeffamu murtee irra ga’uu isaanii preezedaantiin konfedereshiniin kubbaa miilaa Afrikaa fuula twiiterii isaanii irratti barreesaniiru.

Taphni waancaa Afrikaa kan gaggeeffamu baatii Waxabajjii fi Adoolessaa keessa ta’us, baatiwwan kunneen Kaameeruunitti rooba waan ta’eef gara baatii Amajjiitti akka jijjiirramu ta’eera jedhan.

Jijjiirramni yeroo kun gaaffii Kaameeruun dhiyeessiteen ta’uu ibsameera.

Itti aanaa barreessaa olaanaan konfedereshiniin kubbaa miilaa Afrikaa Toonii Baafuyeen gama isaaniin jijjiirramni yeroo kun hoggantoota Raaga haala qabeenya qilleensaa Kaameeruun, leenjiftoota fi taphattoota waliin akkasumaa ajajaa koree dorgommii waliin marii taasifameen ta’uu dubbataniiru.

Kaameeruun bara Faranjoota 2019 tapha waancaa Afrikaa akka qopheessitu carraa argattus sababa adeemsa qophiin ishiin harkifateen Gibtsiif dabarfamee ture.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.