Taphni Piriimar liigii Arsenaalii fi Chalsii akkaan eegamaa dha
Finfinnee, Bitootessa 7, 2017(FMC) – Tapha piriimar liigii Ingiliz torbee 29ffaan taphni Arsenaalii fi Chalsii akkaan eegamaa jira.
Falmiin kilaboota lamaanii saa’atii 10:30 irraa eegalee Istaadiyamii Emreetis daawwattoota kuma 60 ol keessummeessutti taphatama.
Arsenaal taphoota bara dorgommii kanaatti taphate 28 keessaa 15 yoo injifatu, si’a 3 injifatamee, 10’n ammo walqixa ba’eera.
Galiiwwan 52 yoo galchu, 24 ammoo keessummeesseera.
Leenjisaa umrii 42’n kan durfamuu gareen Arsenaal kun, qabxii 55’n sadarkaa 2ffaa irratti argama.
Falmataan isaa Chalsiin ammoo taphoota 28 taphate keessaa 14 yoo mo’atu, 7 mo’amee, 7 ammoo walqixa ba’eera.
Cuquliisawwan taphoota kanneeniin galiiwwan 53 yoo galchan, 36 ammoo keessummeessaniiru.
Leenjisaa Inzoo Maareskaan kan durfamu gareen kun qabxii 49’n sadarkaa 4ffaa irra jira.
Gareewwan lamaan taphoota hundaan si’a 211ffaaf kan waliin taphatan ta’a.
Taphoota 210 kanaan dura waliin taphataniin Arsenaal si’a 83 yoo injifatu, Chalsiin ammoo si’a 66 mo’ate, 61’n walqixa ba’aniiru.
Arsenal waancaa Liigichaa yeroo 13 Yoo moa’tu, Chalsiin ammo ala 6 qofa moa’teera.
Abbaan murtee ganna 39 Kiriis Kaavaanaag taphicha olaantummaan dursu.
Galgalli Londan har’aa attam ta’a laata? Diimaa moo Cuquliisa?