Fana: At a Speed of Life!

Taphni moo’anii darbuu Waancaa Awurooppaa har’a xumura argata

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Taphni moo’anii darbuu Waancaa Awurooppaa falmii har’a Roomaaniyaan Neezarlaandi, Ostiriyaan ammoo Turki waliin taasiisaniin xumura argata.
Roomaaniyaan har’a galgala sa’aatii 1:00 irraa eegaltee Neezarlaandi waliin yoo falmattu, halkan sa’aatii 4:00 eegalee Ostiriyaan Turki waliin taphatti.
Roomaaniyaa fi Neezarlaandi taphoota waltajjii garaagaraatti waliin taphatan 14 keessaa Neezarlaandi yeroo 10 yoo injifattu, Roomaaniyaan yeroo 1 injifachuun taphoota 3 ammoo qabxii qoodataniiru.
Ostiriyaa fi Turkis taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 17 keessaa Ostiriyaan yeroo 7 yoo injifattu, Turki yeroo 9 injifachuun tapha 1 qabxii qoodataniiru.
Boqonnaa guyyaa lamaa booda taphoonni Nuusa xumuraa Jimaata dhufuu eegalee ni taphatama.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.