Fana: At a Speed of Life!

Taphni Kubbaa Miilaa Liigii Olaanoo Oromiyaa borurraa eegalee gaggeeffama

Finfinnee, Mudde 13, 2016 (FBC)- Taphni Liigii Olaanoo Oromiyaa Dilbata boruurraa eegalee Istaadiyamii Wallaggaa Magaalaa Naqamteetti gaggeeffamuu eegala.

Taphni Baniinsaa Liigii Olaanoo Oromiyaa Ramaddii A, Shaampiyoonaa Oromiyaa kan ta’e Kilaba Bulchiinsa Magaalaa Dambi Doolloo fi Bulchiinsa Magaalaa Mattuu gidduutti morkiin gaggeeffamuu tapha cimaa torbee jalqabaati jedhameera

Taphichi kilabootaa ciccimoo walitti fideen kan eegalamuu ta’uu, Kilabnii jaardagaa Jaartee yeroo jalqabaaf tapha liigochaarratti hirmaachuun Kilaba Bulchiinsa Magaalaa Gimbii waliin morkiin gaggeessu hawwiin eegama.

Akkasumaas yeroo jalqabaaf Kilabni B/Magaalaa Aggaaroo tapha liigichaarratti hirmaachuun Giddaa Ayyaanaa waliin kan morkatu ta’uu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.