Fana: At a Speed of Life!

Taphataan duraanii Maanchistar Yunaayitid Luwiis Naaniin gara Itiyoophiyaa dhufuufi

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC)- Waggaa 80ffaa hundeeffama Kilaba Ispoortii “Machaal” kabajuuf qophiin xumuramuu Walitti Qabaan Boodii Kilabichaa Dooktar Seefuu Geetaahuun ibsan.

Haaluma kanaan fiigichi kiiloo meetira 10 Waxabajjii 23, 2016 Addabaabaayii Masqalaatti akka gaggeeffamu ibsaniiru.

Dabalataan Waxabajjii 30, 2016 sagantaan galii walitti qabuu akka gaggeeffamuu, Adoolessa 6, 2016 taphataan Garee Biyyaalessa Poorchugaal fi Taphataan Maanchistar Yuunaayitid kan ture Luwiis Naanii sirna kabaja hundeeffama kilabicharratti argamuuf gara Itiyoophiyaa akka dhufu eerameera.

Adoolessaa 7, 2016 Machaal Kilaba Ispoortii Ugandaa Kitaaraa waliin tapha michummaa akka taphatu eeramuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Kilabiin Ispoortii Machaal bara 1936 kan hundeeffame yoo ta’u, kubbaa miilaa fi atileetiksii dabalatee dameewwan Ispoortii garaagaraan Ispoortessitoota bebbeekamoo fi ga’umsa qaban horachuu danda’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.