Taphataa waggoota 16 guutuu Kaardii diimaas ta’ee keelloon hin kennamneef…
Finfinnee, Bitootessa 10, 2017 (FMC) – Morkiiwwan Dirree Kubbaa Miilaatti gareewwan lama gidduutti taasiifaman keessatti waldhiibuun,waldhiituu,walitti bu’uu fi walharkisuun akkasumas tokko tokkorratti miidhaa qaamaa qaqqabsiisuun kan barameedha.
Taphattoonni sosochii taphaa keessatti ta’e jedhaniis akka tasaa wayita gocha dambii Ispoortii sarbe raawwatan murteessitoonni Kaardii diimaa fi keelloo kennuun dirqama isaaniiti.
Haala kanaan taphattoonni hedduun Kaardii keelloo fi diimaan irra deddeebiin wayita adabaman mul’ata.
Taphataan waggoota 16 guutuu taphatee yeroo tokkooyyuu Kaardii diimas ta’ee keelloo hin arganne argamuun waan ajaa’ibaati jedhame.
Lammiin Ingiliiz taphataan duraanii Baarseloonaa, Tootenhaam, Eevartanii fi Leester Siitii Gaarii Liinkar garuu kana raawwachuu danda’eera.
Ingiliiz Magaalaa Leesteritti dhalatee akkaadaamii Kilaba Leester keessatti Piroofershinaalummaa Kubbaa Miilaa kan goonfate, Gaarii Liinkar kilaboota garaagaraa fi Garee Biyyaalessaa Ingiliiziif taphateera.
Yaa ta’uutii jireenya isaa keessatti kaardiin kamuu kennameefii hin beeku.
Waggoota 16 keessatti taphoota 546 taphachuun galchiiwwan 380 kan lakkoofsise jifataan Ingiliiz kun kana keessatti kaardii tokkooyyuu hin arganne jedhame.
Gaarii Liinkar garee biyyaaleessaa Ingiliiziif taphoota 80 irratti hiriiruun galchiiwwan 48 galcheera.
Barseloonaaf taphoota 138 taphachuun galchiiwwan 51 lakkoofsiseera.
Turtii Tootenhaamiin ammoo taphoota 137 taphachuun galchiiwwan 78 galcheera.
Piriimeer Liigii Ingilaandi keessatti yeroo lama taphataa cimaa waggaa jedhameera.
Yeroo 6 ammo9 taphataa galchii olaanaa galche jedhamuun badhaafameera.
Kilaboota Ingiliiz 3 keessatti taphataa cimaa galchii olaanaa lakkoofsisuun xumure jalqabati.
Liinkar bara Faranjootaa 1994 erga Kubbaa dhaabee booda qopheessaa BBC Ispoortii ta’uun waggoota hedduuf hojjechuu ragaan BBC, Tiraanisfar Maarkeettii fi Giiv Me Ispoortirraa argame ni mul’isa.
Hayilamaariyaam Taganyiin.