Fana: At a Speed of Life!

Tapha Pirimerliigii Ingilaand torbee 15ffaan Arsenaal Cheelsii waliin si’a 201ffaaf walmorkata

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2015 (FBC)- Tapha Pirimerliigii Ingilaand Dilbata har’aa gaggeeffamuun dursaan liigichaa Arsenaal gara Lixa Landanitti imaluun sadarkaa 6ffaa irratti kan argamu Cheelsii Istaanford Biriijitti morkata.

Seenaa hundeeffama Pirimerliigii Ingilaandiin kilabootni lamee yeroo 60 kan walitti dhufan Arsenaal 23, Cheelsiin 20 yoo injifatu 17 qabxii qooddataniiiru.

Taphoota gosa hundaan kilabootni lameen yeroo 200 walarguun yeroo 79 Arsenaal yoo injifatan, yeroo 64 ammo Cheelsiin injifachuun yeroo 57 qabxii qooddachuun gargar galaniiru.

Gama naamusaan Cheelsiin kaardii keelloo 129, kaardii diimaa 6 yoo argatu, Arsenaal ammoo kaardii keelloo 108 fi kaardii diimaa 8 argateera.

Leenjisaan Giraam Poter Cheelsii yoo dursu Mikaa’el Arteettaan Arsenaal waliin garasitti imala.

Jifataan sarara fulduraa Arsenaal duraanii Piremik Obimyaang faallaa kilaba isaa duraanii ta’uun Cheelsiif hiriiruun taphata.

Arsenaal dursummaa harkaa fudhatame deebifachuuf yoo morkatu Cheelsiinis qabxii sadii argachuuf morkata.

Taphni Dilbata har’aa saatii 9:00tti istaadiyeemii Istaanfordi Biriijitti eegala.

Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.