Fana: At a Speed of Life!

Tapha nuusa xumuraa Shaampiyoons liigii Awrooppaan RB Laaypiziig, Atleetikoo Maadriid injifate

Finfinnee, Hagayya 8, 2012 (FBC) – Tapha nuusa xumuraa Shaampiyoons liigii Awrooppaa eda galgala taphatameen RB Laaypiziig Atleetikoo Maadriid 2-1injifachuun walakkaa xumuraaf darbuu mirkaneeffate.
 
Atleetikoo Maadriid tilmaama moo’achuu olaanaa argatus osoo hin milkaa’ina hafeera.
 
RB Laaypiziig, seenaa Shaampiyoons liigii Awrooppaan yeroo jalqabaaf walakkaa xumuraaf ga’uu isaati.
Kilabni biyya Jarman RB Laaypiziig xumuraaf darbuuf kilaba Faraansaay Paariis Seent Jarmeen waliin kan falmatu ta’uu ibsameera.
 
Oduu walfakkaatuun galga har’aa sa’iitii 4:00 irratti Baarseeloonaan walakkaa xumuraaf darbuuf Baayar Muuniik waliin ni falmata.
 
Ga’umsa wayita ammaa irra jiruun taphichaa Baayar Muuniik olaantummaan xumuruu akka danda’u tilmaamameera.
 
Maddi:-BBC Sport
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.