Fana: At a Speed of Life!

Tapha Darbii Maanchuriyaa 188ffaa har’a eegamu

Finfinnee, Fulbaana 22, 2015 (FBC)- Tapha Pirimeerliigii Ingilaandi torbee 9ffaan kilabootni magaalaa Maanchistar, Maanchistar Siitiifi Maanchistar Yuunayitid tapha miira masaanummaa jabaan har’a sa’a booda beellama qabu.

Tapha Maanchuriyaan darbii magaalaa Maanchistar kanaan Maanchistar Siitii kan Peep Gaardiyoolaa jalatti boqonnaa gaariirra jiru, Maanchistar Yuunayitid kan Heerik Teen Haagii jalatti imala boqonnaa haaraa eegale keessummeessa.

Kilabootni lameen kiiloo meetira qofa kan walirraa fagaatan yoo ta’u, hanga ammaatti yeroo 187 walmorkachuun Maanchistar Yuunayitid yeroo 77, Siitiin yeroo 57 walinjifachuun yeroo 53 qixa bahaniiru.

Har’a seenaa biraaf miira kubbaa miilaan yeroo 188ffaaf wal-beellamaniiru.

Maanchistar Siitiin bara kana gahumsa taphataa isaa sarara fuulduraa Eerlingi Haalaandiin tumsame tapha tokkollee hininjifatamne.

Gama biraan gara jalqabaa kan qorame Maanchistar Yuunayitid amanamummaa Kiristaanoo Roonaldoo (CR7)irraa qabu osoo hinhir’isiin amma gahumsa gaariirratti argama.

Beellamni tapha Maanchuriyaan darbii har’a sa’a 10’tti Istaadiyeemii Maanchistar Siitii Eetihaditti ni eegala.

Iddoosaa Abdiitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.