Fana: At a Speed of Life!

Tamsa’inni vaayrasii koroonaa ariitiin dabalaa jira

Finfinnee,Waxabajjii 18,2012 (FBC) – Tamsa’inni vaayrasii koroonaa ariitiin dabalaa jira.

Giddugalaa fi kibba Ameerikaatti tamsa’inni vaayrasii koroonaa kan amma irra jirurra cimaa akka dhufu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksise.

Dhaabbata Fayyaa Adduunyaatti daayreektarri yaala dhibee tasaa Dooktar Miikee Reeyaan, giddugalaa fi kibba Ameerikaatti tamsa’inni COVID-19 isa olaanaa ta’uu akka danda’u akeekkachiisan.

Biyyichattis lakkoofsi olaanaa galmaa’uu akka danda’us Dooktar Miikee Reeyaan dubbataniiru.

Biyyoota hedduu keessatti tibba darbe %25 hanga 50 aariitii fi haala yaaddeessaan namoonni vaayrasichaaf saaxilamuu ibsaniiru.

Dooktar Miikee Reeyaan dubbii isaaniin lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii dhiyeenyatti miiliyoona 10 ta’uu akka danda’us dubbataniiru.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.