Talaalliiwwan Doolara miiliyoona 100 olitti shallagaman biyyaa keessatti oomishuuf mariin gaggeeffame
Finfinnee, Bitootessa 21, 2015(FBC)- Talaalliiwwan baasii Doolara miiliyoona 100 olitti shallagaman Paarkii Indaastirii Qilinxoo keessatti oomishuuf mariin gaggeeffameera.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taddaasaa ,Hojii Rawwaachisaa Olaanaa Korporeeshinii Misooma Paarkii Indaastirii Akililuu Taddaasaa waliin haala talaallii paarkii Indaastirii Qiliinxoo keessatti oomishuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Ityoophiyaan waggaa waggaan bittaa talaalliif Doolaara miiliyoona 100 ol kan baastu ta’uu eerameera.
Baasii kana hambisuuf hambisuuf Paarkii Indaastirii Qiliinxoo Keessatti talaalliiwwan oomishuun bakka buusuun akkataa danda’amurrattiifi gara hojiitti haala galuun danda’amurratti waliigalteerra gahamuu ragaan Korpooreeshinicharra argamee ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.