Fana: At a Speed of Life!

Talaalliin vaayrasii koroonaa  jaldeessarratti yaalame ‘abdachiisaadha’ jedhame

Finfinnee, Caamsaa 8, 2012 (FBC) – Talaalliin abdii qabeessa jedhame jaldeessota jaha vaayrasichaarra tiksuu danda’eera.

Talaalliin kun gosotaa jaldeessaa madinummaa qaamaa kan dhala namatti dhiyaatu qaban Risaas Makaaku jedhamanirratti yaalame.

Qorattoonni Jaarmiyaa qorannoo fayyaa Ameerikaa fi yuunivarsiitii Oksifoord walta’iinsaan shaakala kanarratti hirmaataniiru.

Shaakalli talaalli kanaa Ameerikaatti gaggeeffame.

Talaalliin kunis bineensonni nimooniyaaf akka hin saaxilamne vaayrasiirra ittisuuf yaalame.

Talaallin jalqabarraa kaase abdii qabeessa jedhame kun amma namarratti yaalamuuf jira, garuu namarratti milka’uuf dhiisuun ammaaf hin beekamu.

Jaldeessonni talaalli fudhatan jaha vaayrasii dhibee Covid-19 fiduuf saaxilamanii turanis, vaayrasichi sombaa fi ujummolee qilleensaa isaanii keessati hin argamne.

Qorannoon kun amma yoonatti saayintistoota birootiin hin ilaalamne, ammaaf ifattis hin maxxanfamne.

Haata’utii, Yuunivarsiitii Landan mana barnoota dhimma qulqullina fi qorichootarraa pirofessar Istiivan Ivaans, qorannichi jajjabeessaadha jedhan.

”Qorannichi qulqullina olaanaa kan qabuu fi jajjabeessadha’ jedhan.

Jaldeessonni talaalaman kunis wanta dhibeen lolu qaamni maddisiisu ykn ‘antibody’ vaairasichaan loluu danda’an horachuu danda’uu isaanitu ibsame jechuun BBCtu gabaase.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.