Tajaajjilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaafi Dhaabbanni Odeeffannoo Jibuutii dhimmoota nageenya naannawaa daangaarratti mari’atan
Finfinnee, Onkoloolessa 1 ,2015(FBC)- Tajaajjilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaafi Dhaabbanni Odeeffannoo Jibuutii dhimmoota nageenya naannawaa daangaarratti bobbii waloo taasisan cimsanii itti fufuuf marii taasisan.
Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa ibsa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen, jilli garee Daayrektar Jeneraala Dhaabbata Odeeffannoo Jibuutii Hasan Sayidiin durfamuufi qaamolee nageenyaa biyyattiirraa walitti babba’e Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa daawwachuu ibseera.
Ittaanaan Daayrektar Jeneraalaa tajaajilichaa obbo Siisaay Tolaafi hoggantoonni olaanoon tajaajilichaa jilachaaf simannaa taasisuu eeruun, sagantaa daawwannaa cinaatti mariin gaggeeffamuu ibsameera.
Biyyoonni lameen dhimmoota nageenyaa naannawaa daangaa akkasumas naannawichaatti bobbii waloo taasisan cimsanii itti fufuuf waliigaluu ibsameera.
Ityoophiyaafi Jibuutiin hariiroo ippiloomaasiirra darbee biyyoota hariiroo uummataa cimaa ta’een walitti hidhaman waan ta’aniif yaaddoo nageenyaa waloo kan qaban ta’uu waltajjicharratti ka’eera.
Keessumaa shororkeessummaan, yakkoonni daangaa ce’an, daddabarsi maallaqaa, namootaafi meeshaalee seeraan alaa yaaddoo nageenya biyyoota lameenii waan ta’aniif rakkoolee kanneen hambisuuf odeeffannoo waljijjiiruun barbaachisaa ta’uu isaa waliigalteera gahamuu ibsameera.
Dhaabbileen lameen rakkoolee nageenyaa naannawaa daangaa biyyoota lameeniirratti uumamaniifi hidhattoota seeraan alaa ittisuuf hojii waliin hojjetan cimsanii itti fufuuf waliigaluu ibsi tajaajilichaa eereera.
Sochiileen nageenyaa naannawaa daangaas ta’e bakkeewwan birootti taasifaman faayadamummaa hawaasummaafi diinagdee uummattoota biyyoota lameeniif faayidaa guddaa qabaachuu ibsameera.
Nageenyi biyyoota lameenii kan walitti hidhamee jiru waan ta’eef haleellaan Jibuutiirra gahu akka waan Ityoophiyaarra gaheetti kan ilaalamu, haleellaan Ityoophiyaarratti raawwatus Jibuutii kan ilaallatu ta’uu marichaan ka’eera jedhame.
Qoccolloofi yaaddoo nageenyaa qaama kamirraayyuu Jibuutiirratti taasifamu qolachuuf Ityoophiyaan Cinaashe kan dhaabbattu ta’uu eerameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.