Fana: At a Speed of Life!

Tajaajiloota dijitaalaa qaama Sirna odeeffannoo Gabaa hojii ta’an eegalchiifaman

Finfinnee, Mudde 13, 2017 (FMC)-Ministeerri Hojii fi Ogummaa tajaajiloota dijitaalaa qaama sirna odeeffannoo gabaa hojii Itiyoophiya ta’anii fi dirree hojii bal’isuuf gumachan lama hojii eegalchiiseera.

Ministirri Ministeerichaa Mufaariyaat Kaamil tajaajiloonni eegalaman kunneen Poortaalii Hojii Biyyaalessaa fi Baankii Yaadaa fi Ogummaa ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaanii ibsaniiru.

Poortaaliin Hojii Biyyaalessaa, lammiileen biyya keessaa fi alaatti akkasumaas carraalee hojii fageenyarratti argaman bakka tokkootti salphaatti akka argatan sirna taasisuudha jedhan.

Baankiin Yaadaa fi Ogummaa ammoo yaada kalaqaa fi lammiileen ogummaa qaban, yaadaa fi ogummaa isaanii kan itti qoodan, gabaaf dhiyeessanii fi qindeessuun hojii akka uumaniif walitti hidhamiinsa uumuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Kunis dirree hojii uumuu mijataa, ammayyaa’aa, haqa qabeessaa fi saffisaa taasisuuf kan tumsu ta’uu eeruun, akka biyyaatti tarsiimoo dijitaal Itiyoophiyaa galmaan ga’uuf hojii sona dabaluuti jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.