Fana: At a Speed of Life!

Tajaajillii Kominikeeshinii Mootummaa fi Inistitiyuutiin Intalajansii Artifiishaalaa waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Tajaajillii Kominikeshinii Mootummaa fi Inistitiyuutiin Intalajansii Artifiishaalaa gama teeknooloojiin odeeffannoo waljijjiiruuf kan dandeessisuu waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigaltechaas, Ministira Tajaajilichaa Dooktar Laggaasaa Tulluu fi Daayrektara Olaana Inistitiyuutichaa Warquu Gaachaanaati kan mallateessan.

Sirna waliigaltee kanarratti Dooktar Laggasaa Tulluu akka jedhanitti, hojii teeknooloojiin deeggarame hojjechuuf, odeeffannoo saffisaan waljijjiiruu fi xiinxala fooyya’aan hawaasaan ga’uuf, tajaajila kominikeeshinii teeknooloojii hubannoo namaan deeggaruun murteessaadha jedhaniiru.

Kana milkeessuufis Inistitiyuutii Intalajansii Artifiishaalaa waliin waliiigalteen mallattaa’uu ibsan.

Waliigaltechis ijaarsa dandeettii fi tumsa teeknooloojii taasisuu yoo ta’u, bara baajataa kanattis dhimmoota ijoo shanirratti waliin hojjechuuf sanadaa waliigaltee mallatteessaniiru.

Daayrektarri Olaanaa Inistitiyuutii Intalajansii Artifiishaalaa Warquu Gaachanaa gama isaaniin, odeeffannoo saffisaa hawaasaan ga’uuf tattaaffii Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa taasisuuf, deeggarsa teeknooloojii kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoo walitti qabuu, xiinxaluu fi waliin ga’uuf teeknooloojiin tumsuuf dhaabbatichi qophii ta’uu eeraniiru.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.