Fana: At a Speed of Life!

Tajaajillichi galii Birrii biiliyoona 14.7 walitti qabuu beeksise

Finfinnee, Adoolessa 5, 2016 (FBC)- Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa bara baajatichatti galii Birrii biiliyoona 14.7 walitti qabuu beeksiseera.

Daayrektarri Olaantuun Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa Salaamaawiit Daawwit ibsa miidiyaaleef kennaniin, galii argame keessaa miiliyoonni 148 sharafa alaarraa kan argame ta’uu dubbataniiru.

Tajaajilichi hojmaataa galii walitti qabuu foyyeessuun maallaqaa qisaasa’aa ture sirnaan walitti qabuun galiiin akka fooyya’u taasisuu himaniiru.

Kenninsa Paaspoortiin fi hojii maamiltoota simatanii keessummeessuun hojiin tajaajila maamiltootaa saffisuu kaasaniiru.

Dhaabbatichi hojii jijjiramaa hojjechaa jiruun, bara 1986 irraa eegale murtoowwan garaagaraan lammiilee ugurarra turan kuma 10 bilisa baasuun akka danda’ame eeraniiru.

Lammiilee biyya alaa kuma 34’f eeyyamni jireenyaa yeroo fi dhaabbii kennamuus kaasaniiru.

Lammiilee biyya alaa seeraan alaa kuma 10 seeraa qabeessaa akka ta’anii fi biyyaa akka bahan taasifamuu dubbataniiru.

Labsiin haaraan Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataatiin ragga’een tilmaamni gatii Hagayyaa 1, 2016 irraa eegalee hojiirraa kan ooluu ta’uu ibsichan eerameera.

Yismaawu Adaraawu fi Solomoon Yittaayootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.