Fana: At a Speed of Life!

Tajaajillichi bobbii odeeffannoo fi oppireeshinii biyya bu’uuressan gaggeessuu ibse

Finfinnee, Adoolessa 13, 2016 (FBC)-Tajaajilli Tikaa fi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa bobbii odeeffannoo fi oppireeshinii biyya tasgabbeessanii fi bu’uuressan gaggeessuu ibse.

Tajaajilichi raawwii karooraa bara 2016 gamaaggamuu fi karoora bara 2017’rratti mari’ateera.

Waltajjicharratti bara 2016 akkataa karoora dhaabbatichaan milkaa’inni olaanaan galmaa’uun ibsameera.

Dhaabbilee nageenyaa waliin qindaa’uun hojilee raawwateen nageenyaa fi tasgabbiin biyyaalessaa akka fooyyaa’u fi gumaacha biyya bu’uuressuu danda’ee taasisuu ibseera.

Qaamolee hidhaatanii aangoo mootummaan humnaa qabachuuf tattaafatan irratti ragaalee fi odeeffannoo walitti qabuu fi xiinxaluun qaamolee murtee kennaniif galtee dhiyeessuun eerameera.

Ragaalee dhiyaatan bu’uureffachuun olaantummaa seeraa kabachiisuu fi itti gaafatamummaan akka mirkanaa’uuf hojii oppireeshinii gaggeesseen, shakkamtoota to’annoo jala oolchuun seeraan akka gaafataman taasisuu akeekaniiru.

Keessumaa Naannolee Oromiyaa fi Amaaraatti rakkoolee nageenyaa mul’atan furuuf deeggarsa odeeffannoo fi oppireeshinii kennuun gumaacha olaanaa taasisuu ibseera.

Odeeffannoo tajaajilicharraa kennaman qaamolee sirnaan hinfayyadamne irratti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu taasisuu ibsichaan eereera.

Dabalataan meeshalee waraanaa garaagaraa, maallaqaa sobaa biyyoota alaa, baala sammuu hadoochan, meeshalee kontirobaandii biroo akkasumas namoota gochootaa seeraan alaarratti hirmaataan akka to’ataman taasifamuu eerameera.

Nageenya mirkaneessuuf hojiilee hojjetamaaniin nageenya aanga’oota mootummaa fi bu’uuraalee misoomaa ijoo eegsisuu, taateewwan amantaa fi aadaa akkasumas sagantaaleen biyyaalessaa fi sadarkaa Ardii rakkoo nageenyaa tokko malee akka xumuraman hojiilee bal’aan gaggeeffamuu ibsa miidiyaaleef ergeen tajaajilichi beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.