Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli tola ooltummaa dargaggoonni miiliyoonni 20 irratti hirmaatan Jimaata eegala

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2015 (FBC)- Tajaajilli tola ooltummaa biyyaalessaa Ganna bara 2015 Jimaata dhufuu eegalee kan gaggeeffamu ta’uu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksise.

Ministeerichi sagantaa tajaajilli tola ooltummaa baranaa mata duree “Gaarummaa olka’iinsa Ityoophiyaaf” jedhuun akka gaggeeffamu beeksiseera.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee, tola ooltummaa baranaarratti dargaggoonni miiliyoonni 20 ni hirmaatu jedhan.

Tola ooltonni bobbii kennamuufiin hojiilee kutaalee hawaasaa miiliyoona 50 fayyadamtoota taasisu gaggeessuuf kan karoorfame ta’uu dubbataniiru.

Sangantaa Ashaaraa Magariisaa, Arjooma Dhiigaa, haaromsa manneenii, tajaajila nageenya tiraafika daandii fi barnoonni dameewwan tajaajilli tola ooltumma kennamu keessaa ta’uun eerameera.

Tajaajilichaas dargaggoota naannawaa biyyattii garaagaraa walitti dhufuun bakka bakkatti imaluun tajaajilicha kennuun, muuxannoo kan qooddatan ta’uun Tajaajillii Oduu Ityoophiyaa gabaaseera.

Haaluma walfakkaatuun, naannawaalee walitti bu’iinsi mudate deebisanii misoomsuu fi tajaajiloota bu’uuraa bakka duraaniitti deebisuuf pirojektiin dandeessisu dhaabbilee misoomaa idil addunyaa waliin waliigalteen mallatteeffameera.

Pirojektichi waggoottan lamaan dhufan akka hojiirra ooluu fi naannolee filamanitti akkasumas aanaalee 40’tti akka hojiirra oolu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.