Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli tola oltootaa gannaa damee fayyaa eegale

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC)- Tajaajilli tola oltootaa gannaa damee fayyaa eegaleera.

Tajaajilichi mata duree ‘damee fayyaa hirmaannaa tola oltootaa hawaasa fayyaa qabeessaaf’ jedhuun eegaleera.

Sagantaa bonaan dhaabbilee fayyaa tajaajilamtootaaf mijaataa taasisuun haaromsaa dhaabbilee fayyaa, suphaa meeshaalee wallaa’nsaa, leenjii hubannoo, sagantaa dhiigaa arjoomuu kan eerramaan ta’uu ibsameera.

Sagantaa gannaatin ammoo tajaajiloota kanneenii fi biroo cimsuun waldaaleen ogeeyyii 20 ol ta’aan kana duraa faffaca’uun tajaajilaa laata turan Ministeera Fayyaa waliin ta’uun qindoominaan akka hojjetaniis himameera.

Haayimaanoot Iyyaasuutu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.