Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli si’ataa, qulqulluufi haqa qabeessi ummata Keenyaaf ni mala-BKO

Finfinnee, Guraandhala 29, 2016 (FBC)-Tajaajilli si’ataa, qulqulluufi haqa qabeessi ummata Keenyaaf ni mala jechuun Biiroon Kominikeshinii Oromiyaa Ibse.

Biirichi ibsa baaseen hooggansaa fi ogeessi itti gaafatamummaa itti kenname dagachuun hawaasa boossisu sirna gaafachiisu hojiirra oolchuun eegalame cimee kan itti fufu ta’a jedheera.

Guutuun ibsichaa akka ittaanutti dhiyaateera.

Mootummaan eeyyantaa uummataan aangoo qabate guddina siyaas-diinagdeefi badhaadhina waloo mirkaneessuuf tajaajila si’ataa, haqa qabeessaafi qulqulluu ta’e kennuun uummataaf hojjeta.

Manneen hojii mootummaa abbaa dhimmaa ulaagaa guuttateef seera, labsiifi qajeelfama manni hojichaa qabu bu’uureffachuun tajaajila iftoominaafi haqummaa qabu kennuuf dirqama qabu.

Hawaasni ammoo ulaagaa tajaajila argachuuf isa dandeessisu guuttachuun manneen hojii mootummaa irraa tajaajila barbaadu argachuun mirga malee kennaa addaa isaaf taasifamu miti.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas jijjiirama akka biyyaatti eegalame fiixa baasuun badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf hojiiwwan inisheetiiviin dabalaaman hedduu karoorsee hojjetaa jira.

Carraawwan gaggaarii biyyi keenya misoomuuf qabdu adda baasuun dinagdee cimaa ijaaruu, qonna ammayyeessuun oomishaaf oomishtummaa guddisuu, biyya lammii hunda walqixa keessummeessitu uumuu, nageenya waaraa mirkaneessuufi hojiiwwan hariiroo uummattoota biyyattii jabeessan hedduu hojjechaa jira.

Hojiiwwan gama hundaan hojjetaman kenna tajaajilaa si’ataa, qulqulluu, haqa qabeessaafi hanna irraa bilisa ta’een yoo hin deeggaramin garuu bu’a qabeessa ta’uu hin danda’an.

Naannoo Oromiyaa keessattis kenni tajaajilaa rakkoo akka qabu mootummaan qorannoo bal’aa taasisuun erga adda baaseen booda, furmaata isaafis kallattii kaa’ee hojjechaa jira.

Kenni tajaajilaa akka fooyya’uuf manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran keessatti iftoominni, haqummaafi qulqullunni akka jiraatu, hooggansi sadarkaan jiru karooraan hojii hoogganuun addatti guyyoota hojii sadii ( Wiixata, Roobiifi Jimaata) waltajjii adda addaa irraa bilisa ta’uun biiroo ykn Waajjira isaa keessa taa’uun abbaa dhimmaa akka keessummeessu, abbaa dhimmaa deddeebisuu akka hin qabneefi tajaajila argachuun mirga abbaa dhimmaa ta’uu irraatti hubannaa uumee hojjechaa jira.

Kallattii kanaanis bakkoota hedduutti jijjiiramni gaariin jiraatus bakkoota tokko tokkotti garuu ammallee hojii addaa kan barbaadudha.

Abbaa dhimmaa deddeebisuun, tajaajilaa haqaa dhowwachuun, guyyoota abbaa dhimmaa ajandaa biraan qabamuun abbaa dhimmaa danquun faallaa tarsiimoofi qajeelfama mootummaa Paartii Badhaadhinaan hoogganamuu ta’uun cinatti dhimmi kun hariiroo mootummaafi uummataa irratti dhiibbaa kan fidu; imala badhaadhinaa kan danquufi uummata kan mufachiisu waan ta’eef manneen hojii mootummaa naannichaa sadarkaan jiran hundi kenna tajaajilaa fooyyessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechuu akka qaban mootummaan kallattii kaa’ee jira.

Haala kana jijjiiruuf hooggansaafi ogeessa itti gaafatamummaa itti kenname dagachuun abbaa dhimmaa deddeebisu, tajaajila fedhii dhuunfaan jijjiiruufi haqa dabsuun hawaasa boossisu irratti sirna itti gaafatamummaa barsiisaa ta’e hojiirra oolchuun eegalame cimee kan itti fufu ta’a.

Kanaafis mootummaan kutannoo guddaan ni hojjeta.

Haata’u malee rakkoon kenna tajaajilaa keessa jiru kutannoo mootummaa qofaan furamuu waan hin dandeenyeef akkasumas sirni itti gaafatamummaa hojiira oolfamu bu’aa qabeessa akka ta’uuf abbootii dhimmaa dabalatee tumsa qaama hundaa barbaada.

Kanaaf, hawaasni keenya yeroo tajaajilaaf gara manneen hojii mootummaa deemu ulaagaalee tajaajilaaf isa barbaachisan guuttachuufi mirga isaa kabachiisuun cinatti qaamota haqa uummataa dabsan saaxiluun ga’ee isarraa eegamu ba’uu qaba.

Gama biraan rakkoo kana maqsuun tajaajilli manneen hojii mootummaa keessatti kennamu iftoomina akka qabaatuufi itti quufinsa uummataa kan mirkaneesse akka ta’uuf miidiyaaleen biyya keenyaa miira itti gaafatamummaa qabuun ijaaf gurra uummataa taatanii dirqama ogummaa keessanii akka ba’attan waamicha dhiyeessina.

Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaa

Guraandhala 2016

Finfinnee

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.