Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo bobbii ragaa sassaabuu bu’a qabeessa taasisuu ibse

Finfinnee, Bitootessa 18, 2014 (FBC) –Tajaajilii Nageenya Odeeffannoo sodaa nageenyaa biyyoolessaa isa mudaatee hordofee bobbii ragaa sassabuu bu’aa qabeessaa taasisuu ibseera.

Tajaajilichi gamaaggamaa raawwii karoora walakkaa waggaa bara 2014 taasiseen kallattiiwwan garaagaraa kaa’u ibsa baaseen beeksiseera.

Ibsichaanis baatiwwan jahan darbaniin haleellaa gareen shororkeessaa ABUT raawwateen nageenyi sodaa biyyoolessaa muudate ture.

Duula birmadummaa biyyaa kabachiisuu gaggeeffameenis injifannoo boonsaan galmaa’uu hubachiiseera.

Akkasumas sochii humnoota shanee ittisuuf dhaabbatichi bobbii odeeffannoo laachuun balaawwan qaqqabuu danda’aan olaanoo hambisuu ibsameera.

Dhaabbatichi gamaaggamaa gaggeesseen qaamolee gareen shororkeessitoota Alshabaab 14 fi ISS 36 to’annaa jala ooluu ibseera.

Walakka waggichaatti oppireeshinii gaggeeffameen maallaqoonni biyyoota adda addaa, meeshaaleen kontiroobaandii, warqeen fi kanneen biroon akkasumas meeshaaleen waraanaa adda addaa to’atamaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.