Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Sagantaa Afxiraa gaggeesse
Finfinnee, Bitootessa 13, 2017(FMC) – Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa qooda fudhattoota waliin ta’uun Sagantaa Afxiraa gaggeessuu ibse.
Tajaajilichi saganticha bakka Ministira Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa, Daayrektarri Jeneraalaa Tajaajilichaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, hoggantoonni olaanoon ,keessummoonniifi qoodha fudhattoonni biyya keessaafi alaa argamanitti gaggeesseera.
Sagantaan Afxiraa kun sadarkaa dhaabbataatti gaggeeffamuun isaa tumsa, michummaafi aadaa waliin hojjechuu qaamolee qooda fudhattootaa biyya keesaafi alaa damee nageenya odeeffannoo irratti hojjetanii daran kan cimsu ta’uu ibsameera.
Waqtii Ramadaanaa waliin Afaxxaruun, walgaafachuuniifi jaalala walitti agarsiisuun calaqqee addaa sooma Ramadaanaa ta’uu tajaajilichi ibsa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif ergeen eereera.