Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ogeeyyii miidiyaa fi kominikeeshinii galateeffate

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Ogeeyyi miidiyaa fi kominikeeshinii odeeffannoo hawaasaan ga’uun dirqama isaanii bahachaa jiran Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa galateeffate.

Tajaajilichi sagantaa “Ityoophiyaan haa galateeffattuu” Muummeen Ministiraa dabarsan bu’uureffachuun sagantaa galateeffannaa gaggeesseera.

Ministirri Tajaajila Komionikeeshinii Mootummaa Dooktara Laggasaa Tulluu, ergamni dhaabbatichaa karooraa fi raawwii mootummaarratti odeeffannoo hawaasan ga’uudha jedhan.

Raawwiin kun akka milkaa’uufis gumaacha olaanaa taasisaa kan jiranii fi Ittigaaftamaa ogumma isaanii bahachaa kan jiran ogeeyyii miidiyaa fi kominikeeshinii, gaazeexeessota, ogeeyyi kaameera, ogeeyyii kominikeeshinii dhaabbilee fi naannolees galateeffataniiru.

Tajaajilichatti Deetaan Ministiraa Damee Quunnamtii Ummataa fi Hordofii Dhaabbilee Obbo Kabbadaa Deessisaa, atileetonni keenyaa biyya tokkoof wayita fiigan garaagarummaa isaanii dhiisanii Ityoophiyaa akkumaa dursan, hundi keenya yeroo hundaa Ityoophiyaa dursuun ijaarsa biyyaaf waliin hojjechuu qabna jedhaniiru.

Deetaan Ministiraa Hordoffii Hariiroo Miidiyaa fi Odeeffannoo Gurmeessuu Taajajilichaa Aadde Salaamaawwiit Kaasaa gamna isaaniin, qormaataa Ityoophiyaan keessa dabarteef guyya waaqaa galateeffannuudha jedhanii, namni amantii guyyuu Waaqa isaa galateeffata waan ta’eef, har’a ammoo waaqa Ityoophiyaa eegee har’aan ga’eef guyyaa itti galateeffannuudha jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.