Tajaajilli kenna hojii tola ooltummaa aanaalee fi magaalota Harargee Lixaatti eegalame
Finfinnee, Waxabajjii 26, 2013 (FBC) – Godina Harargee Lixaatti aanaalee fi magaalota hunda keessatti tajaajilli kenna hojii tola ooltummaa dameewwan garaagaraan eegalamuu ibsame.
Sadarkaa godinaatti jaarmiyaaleen dubartootaa Aanaa Doobbaa Gaara Hadasirratti Ashaaraa Magariisaa eegalsiisaniiru.
Sirnicha itti gaafatanaan ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa obbo Nasradiin Abdulmusiinii fi Itti gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa aadde Asliyaa Abraahim eegalsiisaniiru.
Tajaajilli kenna hojii tola ooltummaa hojiilee garagaraa raawwachuun aanaalee godinichaa hunda keessatti haala ho’aa ta’een eegalamuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.