Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Geejjibaa gara naannoo Tigraayitti taasifamu adda citee ture eegalame

Finfinnee, Eebla 19, 2015 (FBC) – Sababa walitti bu’iinsa kaaba biyyattiitti mudateen tajaajilli Geejjiba lafarraa gara naannoo Tigraayii taasifamu adda citee ture irra deebiin eegalamuu ibsameera.

Dhimmicha ilaalchisuun Ministeerri Geejjibaa, Biiroon Geejjibaa Naannoo Amaaraa, Afaarii fi Tigraay har’a waloon ibsa laataniiru.

Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa booda tajaajilicha jalqabasiisuuf qorannoo gaggeeffamaa tureen yaaliin Tajaajjila Geejjibaa Finfinnee gara naannoo Tigraay, Naannoo Tigraayii gara Finfinnee Eebla 14, 2015 eegalee taasiifamaa turuu ibsaniiru.

Tajaajilli geejjibaa kun eegaluun isaa kutaalee hawaasaa daraan kan gammachiise ta’uu eeraniiru.

Keellawwan seeraan ala iddoolee tokko tokko jiran maksuuf to’annoo cimaa taasiisuurratti hoggantoonni itti gaafatamummaa isaanii akka ba’an gaafataniiru.

Sarara geejjibaa kana Poolisiin Federaalaa akka to’atu taasiifamuu ibsameera.

Alamsagid Asaayee fi Salamoon Yitaayitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.