Tajaajilli geejiba baaburaa Itiyoo Jibuutii guyyaa sadan kana addaan citee jira
Finfinnee, Bitootessa 13, 2017(FMC) – Tajaajilli geejiba baaburaa Itiyoo Jibuutii guyyaa sadan kana addaan citee jira.
Tajaajilichi addaan kan cite humni ibsaa Mi’eessoo hanga Jibuutii jiru Roobii halkan saa’atii 6:00 irraa eegalee waan addaan citeef ta’uu Waldaan Aksiyoona Baaburaa Itiyoo-Jibuutii beeksiseera.
Utubaawwan humna ibsaa dabarsan irra miidhaa qaqqabeen sararri baaburaa Mi’eessoo hanga Jibuutii jiru ibsaa argachaa akka hin jirre waldichi hubachiiseera.
Faanaa Dijiitaal dhimma kana irratti qaamolee dhimmichi ilaallatu biro dubbisuun odeeffannoo dabalataa kan dhiyeessu ta’a.
Biraanuu Abarraatu gabaase.