Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli galmee fi eeyyama daldalaa miiliyoonni 1.8 ol ‘oonlaayinii’n kennamuun ibsame

Finfinnee, Ebla 1, 2016 (FBC)-Baatiiwwan saglan darbanitti sadarkaa biyyaalessaatti tajaajilli galmee fi eeyyama daldalaa miiliyoona 1 fi kuma dhibba 816 oonlaayiniin kennamuu Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa ibse.

Damichaan raawwiin gaariin galmaa’uu, tajaajilichas guyyootan Sanbataa fi Dilbataa dabalatee guyyaa boqonnattis kennamuu eeran.

Sadarka biyyaleessaatti waliigalaan tajaajilli Galmee fi Eeyyama daldalaa miiliyoonni 2 fi kuma 34 ol kennamuu ragaan Ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

Ministeerichi bara baajatichaatti tajaajila galmee fi eyyamaa daldalaa miiliyoona 2.8 oonlaayiniin kennuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.