Tajaajilli fayyaa biyyattii % 82 Dhaabbilee Fayyaa Mootummaa keessatti akka kennamu ibsame
Finfinnee, Bitootessa 10, 2017(FMC) – Itiyoophiyaatti tajaajilli fayyaa %82 Dhaabbilee Fayyaa Mootummaa keessatti kan kennamu ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqidas Dhaabaa ibsan.
Waajjira Ministira Muummeen kan qophaa’ee fi gaaffilee uummataaf deebiin kan itti kenname qophii “Soba moo Dhugaa” jedhu irratti argamuun gaaffilee tajaajila fayyaa ilaalchisee dhiyaataniif deebii kennaniiru.
Yaalamtoonni baay’een gara biyya alaa deemanii akka yaalaman ta’aa jira jedhamee gaaffii dhiyaateefis, dhibeewwan daddarboo fi humna biyya keessaan yaalamuu danda’an biyyuma keessatti yaalamaa akka jiran ibsan.
Yaalamtoonni dhibeewwan daddarboo hin taanee fi ulfaataan rakkatan garuu gara biyya alaatti akka ergaman dubbataniiru.
Taajaajilli fayyaa biyyattii % 82 dhaabbilee fayyaa mootummaa keessatti kan kennaman ta’uu kan dubbatan Doktar Maqidas, %18 kan ta’u qofti dhaabbilee fayyaa dhuunfaa keessatti kan kennamu ta’uu kaasaniiru.
Tajaajiila yaalaa gara alaa deemuun argamu hambisuufis mootummaan hospitaalota rifeeraalaa ispeeshaalaayizdii babal’isaa jiraachuu himaniiru.
Baay’inni hospitaalotaa biyyattii waggoota shan dura 126 tures, yeroo ammaa gara 405tti guddachuu dubbataniiru.
Sirni fayyaa Itiyoophiyaa walga’iinsaan, ijaarsa dandeettii ogeeyyii fi dhiyeessii fi haqa qabeessummaa galteewwan yaala fayyaan walqabatees fooyya’iinsi gaariin akka jiru kaasanii, tajaajilli kennamus gara dijiitaalaatti guddachuu himan.
Tajaajila fayyaa ammayyeessuun sadarkaa barbaadamu irraan ga’uuf qooda fudhatoonni hundi tumsuu akka qabanis dhaamaniiru.
Abeel Niwaayitu gabaase.