Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa haaromsa waliigaltee lakkooftuu waggoota shaniif tajaajilu eegale

Finfinnee, Mudde 18, 2016 (FBC)- Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa haaromsa waliigaltee lakkooftuu waggoota shaniif tajaajilu eegaluu beeksise.

Haaluma kanaan Sadaasa 1 hanga Mudde 16, 2016’tti maamiltoonni kuma 100 waliigaltee isaanii haaromsuun ibsameera.

Haaromsi waliigaltichaas tajaajila saffisaa fi gaaffilee ka’aniif haala salphaan deebii kennuuf kan dandeessisu ta’uun eerameera.

Lakkooftuuwwan tajaajila kennaa jiran beekuu fi lakkooftuuwwan haaraa maamiltootaaf dhiyeessuufis kan tumsu ta’uun himameera.

Daayrektarri Koorporeet Kominikeeshinii Tajaajila Elektirikii Itiyoophiyaa Malaakuu Taayyeen akka ibsanitti, kaayyoon haaromsa waliigaltichaa maamiltoota beekuu fi tajaajila fedhii isaanii bu’uureffate kennuufi.

Lakkooftuu qaamolee hinbeekamneef kanneen dabarsan to’achuu fi hanna humnaa hambisuuf akkasumas rakkoo addaan ciccitiinsa humna hir’isuuf kan dandeessisuudha jedhan.

Maamiltoonnis hanga Bitootessa 30, 2016’tti yeroo kenname keessatti dameewwan tajaajilichaatti argamuun waliigaltee isaanii akka haaressan hubachiisuu TOI gabaaseera.

Maamiltoonni ergaa waliigaltee raawwatanii waggoota shan guutanis akka haaressan kan dirqaman yoo ta’u, waliigalteen haaressanis waggoota shanaan fuulduratti jiraniif kan tajaajilu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.