Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa bara baajataa xumurametti galii Birrii biiliyoona 27 ol walitti qabe

Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC) – Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa bara baajataa xumurametti galii Birrii biiliyoona 27.72 ol walitti qabuu beeksiiseera.

Gurgurtaa Elektirikaarraa Birriin biiliyoonni 20.94 walitti kan qabame ta’uu Daayrektarri Tajaajila Faayinaansii fi Invastimantii dhaabbatichaa Aadde Ma’aazaa Alamaayoon ibsaniiru.

Sarara haaraa elektirikaa maamiltootaarraa Birrii biiliyoonni 6.7,gurgurtaa qabeenya tajaajila hin laannee fi gurgurtaa adda addaarraa Birriin miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 13 argamuu ibsuu isaanii ragaanTajaajila Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Galii bara baajatichaa argame keessaa Birrii biiliyoonni 10.5 ol Humna Elektirikaa Ityoophiyaaf kan kaffalame ta’uu kaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.