Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Elektirika Ityoophiyaa baatiiwwan 6’n darbanittitti galii Birrii biiliyoona 11 ol  walitti qabuu beeksise

Finfinnee, Amajjii 20, 2014 (FBC) – Tajaajilli Elektirika Ityoophiyaa baatiiwwan 6’n darbanitti galii Birrii biiliyoona 11 fi miiliyoona dhibba 1 walitti qabuu beeksise.

Tajaajilichi bara 2014tti maamiltoota haaraa kuma dhibba 1 fi kuma 76 fi 98 fayyadamtoota tajaajila elektirikaa taasisuu eereera.

Tajaajilichi bakkeewwan rakkoolee nageenyaa jiran osoo hin dabalatiin gurgurtaa humna elektirikaarraa galii Birrii biiliyoona 8 fi miiliyoona dhibba 8, buusii sarara maamiltoota haaraarraa biiliyoona 2 fi miiliyoona dhibba 1, dhabamsiisa meeshaaleerraa fi tajaajila garaagaraarraa miiliyoona 32 fi kuma dhibba 6 waliigala baatiiwwan 6’n darbanitti galii Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 1 walitti qabuu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.