Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Elektiriikii Ityoophiyaa Proojektii teeknooloojii odeeffannoo ammayyaa eebbisiise

Finfinnee, Amajjii 23, 2012 (FBC) – Tajaajilli Elektiriikii Ityoophiyaa Proojektii teeknooloojii odeeffannoo ammayyaa Doolaara miiliyoona 58 oliin hojjechiisaa ture guyyaa har’aa eebbisiise.
 
Teeknooloojiin kun tajaajilamtootaaf tajaajila si’ataa, iftoomaa fi itti gaafatamummaa qabu laachuuf shoora olaanaa qaba jedhameera.
 
Sirna eebba proojektii teeknooloojii odeeffannoo kana irratti walitti qabaan boordii hoggansa dhaabbatichaa Ministirri Ministeera Barnootaa FDRI Dooktar Geetahuun Makuriiyaa fi hoggantoonni biroo argamaniiru.
 
Proojektiin kun tajaajila haqa qabeessa, si’ataa fi qulqulluu kennuu cinaatti qisaasa’ina humnaa hir’isuun galii dhaabbatichaa kan guddisu ta’uu hojii raawwachiisaa olaanaan dhaabbata tajaajila elektiriikii Ityoophiyaa obbo Shifarraaw Taliilaa dubbataniiru.
 
Dhaabbatichi teeknooloojiiwwan hedduu hojii irra oolchuuf hojjechaa kan jiru yoo ta’u, waggoottan arfan darbanitti damichaan hojiin hojjetame bu’aa qabeessummaan isaa mirkanaa’uu ibsaniiru.
 
Hojiirra oolmaan teeknooloojii kanaa qabeenya fi galteewwan barbaachisan yeroo yeroon qindeessuun, yaa’iinsa odeeffannoo ammayyeessuun, odeeffannoowwan giddugala tokko irratti bifa itti fufiinsa qabuun qindeessuuf ni gargaara jedhan obbo Shifarraan.
 
Akkasumasa qabiinsa herreegaa, bittaa, keessummeessa maamiltootaa, rabsa dhiyeessii, to’annoo humna namaa fi tajaajiloota biroof ni oola jedhan.
 
Mootummaan damee humnaa irratti xiyyeeffannoon hojjetus hanqinni humnaa komii fi rakkoo bulchiinsa gaarii ta’aa jiraachuu kan himan walitti qabaan boordii dhaabbatichaa Dooktar Geetahuun Makuriyaa, Teeknooloojiin kun dhaabbaticha ammayyeessuun bu’aa qabeessa taasiisuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.