Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli damee nageenya balalii sadarkaa amansiisaarratti akka argamu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015 (FBC)- Tajaajilli damee nageenya balalii Ityoophiyaatti kennamaa jiru sadarkaa idil addunyaatti fudhatama kan qabuu fi sadarkaa nageenya balalii amansiisaarraatti akka argamuu Gareen Jilaa Oodiitii Waajjira Geejjibaa Ameerikaa ibsan.

Gareen Jilaa Oodiitii Waajjira Nageenya Geejibaa Ameerikaa (TSA) guyyoota shaniif oodiitii waliigalaa nageenya balalii Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti gaggeessaa ture xumureera.

Damee nageenyaa balaliin to’annoo fi eegumsaa nageenya imaltootaa, kaargoo, sakatta’iinsaa xiyyaaraa fi kanneen biroo daawwateera.

Haaluma kanaan hojiileen gaggeeffamaa jiraan biyyoota Afrika biroof fakkeenyaa ta’uu fi Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa sadarkaa ammaa irra Ga’eef Tajaajilli Nageenyaa Odeeffannoo Biyyaalessaa gahee olaanaa gumaachuu beeksisaniiru.

Daayrektarri Damee Nageenya Aviyeeshinii Tajaajilaa Nageenyaa Odeeffanno Biyyaalessaa Obbo Asraat Qajeelaa akka jedhanitti, dameen nageenyaa balalii fi qaamoleen daandii qilleensichaa keessatti argaman qindoominaan hojjechuun milkaa’inaan xumurameera.

Bu’aan kunis indaastirii aviyeeshinii Ityoophiyaa fi ijaarsaa maqaa gaarii biyyattiif gumaachaa olaanaa akka qabuu eeruu TOI gabaaseeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.