Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilichi nageenya bu’uuraalee misoomaa ijoo biyyattii mirkaneessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Hagayya 22, 2016 (FBC)- Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa nageenya bu’uuraalee misoomaa ijoo biyyattii mirkaneessuu fi fayyadamummaa ummataa dabaluuf ciminaan hojjechaa jiraachuu beeksise.

Tajaajilichi, bakka qondaaltonni olaanoo federaalaa fi naannoo argamanitti hannaa fi manca’iinsa bu’uuraalee misoomaa ijoo keessumaa bu’uuraalee elektirikii ilaalchisee qorannoon gaggeesserratti waltajji marii gaggeesseera.

Qorannoon dhiyaate keessatti humnoonni farra nagaa fi gareen shororkeessitootaa shanee tarkaanfii olaantummaa seeraa raayyaa ittisa Biyyattiin irratti fudhatamu dandamchuu wayita dadhaban bu’uuraalee elektirikii mancaasuun ummataa fi mootummaa gidduutti komii uumuuf cimanii hojjechaa jiraachuu ibsa FBC’f ergeen eereera.

Hojjetoonni humna elektirikii fi daldaaltonni kalafatoon tokko tokko hanna bu’uuraalee misoomaa keessatti akka hirmaatan kan eere qorannichi, hannaa fi mancaatii qaqqabeen qabeenya biyyattii Birrii miiliyoona 732 ol kisaaraaf saaxilamuu akeekeera.

Daayrektarri Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen waltajjirratti yaada kennaniin, sadarkaa rakkochaa hubachuun shira diinota alaa fi keessaa fashaleessuuf qindoominaan socho’uu akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Qaamoleen kaayyoo biyya diiguu qaban, hannaa fi mancaatii bu’uuraalee misoomaa ijoo raawwatan irratti tarkaanfii keessa deebii hinqabne fudhachuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.