Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilichi hojjettoota 109’rratti tarkaanfii fudhate

Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC)- Tajaajilli Elektirikii Finfinnee hojjettoota 109 irratti tarkaanfii naamusaa fudhachuu beeksise.

Hojii Raawwachiisaan Olaanaa Tajaajilichaa Dooktar Gabayyoo Likkaasaa, ji’oota jahan darbanitti hojjettoota 109 fi hoggantoota rakkoo namusaa qabanirratti tarkaanfii fudhachuu ibsaniiru.

Kanneen keessaa 15 hojiirraa gaggeessuun, 16 hogganummaarraa kaasuu fi kanneen biroo adabbii miindaa fi akeekkachisa kennamuu himaniiru.

Dhaabbaticha gara dhaabbata ammayyaawaatti jijjiruuf hojjetamaa jiraachuu Doktar Gabayyoon himanii, hanqinni dhiyeessii meeshaalee rakkoo namuusaa hojjettootaa biratti uumameef sababa ijoo akka ta’e gamaaggamamuu dubbachuu isanii DhPI gabaaseera.

Odeeffannoowwan dabalataa argachuuf

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.