Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilichi Godaantota ugaalaa hin guunnefis garaagarummaa malee tajaajila kennaa jiraachuu ibse

Finfinnee,Mudde 3, 2017 (FMC) – Tajaajilli Gondaantootaa fi Godaansaa Deebitoota Itiyoophiyaa Godaantota ugaalaa hin guunnefis garaagarummaa tokko malee tajaajila kennaa jiraachuu beeksiise.

Itiyoophiyaan Godaantoota fi Kola gaafattoota miiliyoona 1 ol biyyoota 26 irraa dhufan simachuun keessummeessaa jiraachuu himeera.

Godaantonni kanneen harki caalu biyyoota ollaa kanneen akka Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa, Sudaanii fi Ertiraarraa kan dhufan ta’uu eereera.

Dhugaan kun osoo jiruu tibbana Itiyoophiyaan godaantoota Ertiraa hidhuun dhamaatiif saaxilaa jirti jechuun ololli adeemaa jiru olola sobaa ta’uu beeksiseera.

Ragaa sobaa fi olola maqa balleessii ta’uu tajaajilichi himeera.
Godaantootaa fi Kola galtoota Ertiraa Itiyoophiyaatti argamanirratti haleellaa fi hidhaan hin malle raawwatamaa jira jechuun miidiyaaleen biyya keessaa fi alaa ololli ololchaa jiran kan bu’ura hin qabne ta’uu ibsa isaan himeera.

Hojii qulqulleessuu hojjetameen godaantoonnii fi kola gaafattoonni hidhaa fi dhamaatiif saaxilaman akka hin jirre mirkanaa’uu ibseera.

Gama biroon Ololli Godaantota nyaachisuun dhaabbateera jedhamuun odeeffannoon tatamsa’aa jiru olola sobaa ta’uu himeera.

Tajaajilichi Gondaantotaa fi Kola gaaffattoota ulaagaa hin guunneef illee garaagarummaa tokko malee tajaajila nyaataa kennaa jiraachuu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.