Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilichi galii Birrii biiliyoona 2.5 argachuu beeksise

Finfinnee, Adoolessa 10, 2016 (FBC)-Tajaajilli Mirkaneessaa fi Galmeessa Sanadootaa Federaalaa bara bajataa 2016 galii Birrii biiliyoona 2.5 argachuu beeksise.

Daayrektarri Olaanaa Dhaabbatichaa Hamiid Kinniisoo, hojmaata tajaajila kafaltii fi sanada mirkaneessuu karaa oonlaayinii kennamu cimee ittifufuu ibsaniiru.

Guyyaatti tajaajilamtoonni kuma 6 ol beellama malee keessummeeffamaa akka jiran dubbatanii, bara bajataa xumuramettis dhimmoota kuma 919 fi 941 keessummeeffamuu eeraniiru.

Kana keessaas dhimmoonni kuma 726 fi 535 karaa onlaayinii tajaajilamuu dubbataniiru.

Tajaajiloota kanneenirraas galiin Birriin biiliyoona 2.5 walitti qabamuu eeranii, raawwiiin kun kan bara darbee yeroo walfakkaataa yoo albira madaalamu Birrii biiliyoona 1.3 caalmaa akka qabu ibsaniiru.

Dhaabbatichi dameeleesaa Finfinnee fi Dirree Dhawaatti argaman 15 gara 17’tti guddisuun tajaajila kennaa akka jiru eean.

Dhiheenyatti Finfinneetti dameelee tajaajila addaa kennan 2 banuun tajaajila kennuuf qophii xumuruu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.