Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilichi dhimmoota biyyattiirratti miidhaa geessisuu danda’anirratti hojjechuun bu’aa galmeessuu beeksise

Finfinnee, Adoolessa 26, 2016 (FBC)- Tajaajilli Nageenyaa Faayinaansii dhimmoota biyyattiirratti miidhaa olaanaa geessisuu danda’anirratti xiyyeeffanaan hojjechuun bu’aa galmeessuu beeksise.

Tajajilichi bara 2016tti maallaqaa fi qabeenyaa gochaa yakkaan argame seeraa qabeessa fakkeesuun dhiyeesuu fi yakkoota shororkeessummaa maallaqaan tumsuun walhidhatanii fi nageenya diinagdee biyyattii irratti yakkoota aggaamaman adda baasuun hojiilee bu’aa qabeessaa raawwachuu beeksiseera.

Tajaajilichi bara baajataa darbe dhimmoota yakkoota akka kanaarratti xiyyeeffachuun qorannoo fi sakattoo taasiiseen yakkoota addaa addaa 310 adda baasuun xinxaala irratti kennuun seeraan akka gaafataman qaama dhimmi ilaallatuuf dabarsuu himeera.

Dhimmoonni akka daddabarsa maallaqa seeraan alaa, yakka waliin dhahuu, taaksii, daldala kontiroobaandii, malaammaltummaa, daddabarsa namoota seeraan alaa, dirqisiisuu fi sodaachisuu, Qabeenya godaansuu, shororkeessummaan maallaqaan deeggaruu kanneen biroon waliin hidhatan kan qaban ta’uu eereera.

Yakkoonni kunneen diinagdee biyyaarraatti miidhaa Birrii biiliyoonaan lakkaawwamu qaqqabsiisuuf kan turan ta’uu himeera.

Qaamoleen yakkicha waliin shakkaman kumni 2 fi 273 adda bahuun seeraan akka gaafataman dhimmi isaaniin ilaalamaa jiraachuu ibseera.

Tajaajilli Nageenya Faayinaansii yakkoota maallaqa yakkaan argaman seeraa qabeessa fakkeessuun dhiyeessuu fi Shororkeessummaa maallaqaan tumsuu ittisuu fi to’achuuf hojjechaa jiraachuu eeruun, hojiin kun bara baajataa kanas cimee kan itti fufu ta’uu himeera.

Yakkoonni kunneen dhoksaanii fi seera daheeffachuun kan raawwataman ta’uu isaaniin hojiin ittisuu fi to’achuu qindoomina qaamolee hundaa kan gaafatu ta’uu eereera.

Hojiin damee Faayinaansii yakkarraa ittisuu eegalame qooda fudhattoota waliin cimee kan itti fufu ta’uu kaaseera.

Tajaajilichi yakkamtoonni miidhaa olaanaa biyyarraan ga’uu danda’an tilmaama keessa galchuun ittiggaafatama ittisuu fi to’achuu irraa eegamu sadarkaa olaanaan ba’achuuf xiyyeeffannaan kan hojjetu ta’uus eereera.

Hawaasnis eeruu kennuun hirmaanna taasisaa jiru cimsee akka itti fufu waamichaa dhiyeesuu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.