Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilichi Dhaabbilee hojii beetiingii 13 fi herregaa baankii sochoostota isaanii 109 uggure

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Tajaajillii Nageenya Faayinaansii qaamolee yakkoota faayinaansii fi diinagdee raawwatan irratti tarkaanfii fudhatu cimsee itti fufuu beeksise.

Yeroo dhiyoo as sababni diinagdee homaa utuu hinjiraanne, qaala’iinsa sharafaa Gabaa Gurraacharratti dabalaa dhufeen miidhaa hordofsiise ittisuuf tarkaanfiilee fudhachaa jiruu keessaa sochii hirmaattotaa yakkichaa hordofuun herregaa baankii isanii ugguruun tokkoo ta’uun ibsameera.

Tajaajilichi hirmaattotaa yakkichaarratti hordoffii taasisaa tureen dhaabbilee maqaa beetiingi hojiilee taphoota jirraa kanneen gaggeessan kan eeraman ta’uu ibsameera.

Dhaabbileen kunneen maallaqa olaanaa hawaasarraa walitti qaban gabaa gurraachaan bittaa sharafaa alaarratti hirmaachaa jiraachuu hordoffii taasiifameen mirkanaa’uun ibsameera.

Kanaaf gibiraa waliindhahuu dabalatee Gabaa Gurraacharratti yakka bittaa sharafa alaa keessatti hirmaachuun isaanii kan irra ga’ame herregni bankii Dhaabbilee Hojii Beetiiingii 13 fi sochoostota isaanii 109, ugguramuun dhimmi isaanii seeraan akka ilaalamu murtee dabarbuun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.