Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilaa lammummaa baranaarratti dargaggoota miiliyoona 8 ol hirmaachisuuf karoorfamuun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC)-Hojiin Tajaajila Lammummaa Waqtii Gannaa bara 2016 Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaan magaalaa Mojootti jalqabame.

Sagantichi, dhaadannoo “Gaarummaan Waloomaaf” jedhuun bakka hoggantoonni olaanoon argamanitti eegalameera.

Saganticharratti dhiiga arjoomuu, haaromsa manneen harka qalleeyyii, Ashaaraa Magariisaa fi qulqullina Magaalaa gaggeessuun jalqabsiisan.

Kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Moojoo Obbo Gazaalii Ashuu, hojiin tajaajila lammummaa aadaa Oromoon itti fayyadamaa ture bakkatti deebisuun hawaasa fayyadaa jira jedhan.

Hogganaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sobbooqaa gama isaaniin, tajaajilli lammummaa hojii egereen biyya itti ijaaramtu tahuu waan ta’eef, dargaggoonni humna fi beekumsa isaaniin humna misoomaa ta’uu akka qaban akeekan.

Tajaajilaa lammummaa baranaarratti dargaggoota miiliyoona 8 ol irratti hirmaachisuuf karoorfamuu dubbataniiru.

Hojiin tola ooltummaa Gannaatiin arjooma dhiigaa, manneen harka qalleeyyii haaromsuu, Ashaaraa Magariisaa fi qulqullina magaalotarratti hojjechuu dabalatee, naannolee ollaattis hojjechuuf karoorfamuun eerameera.

Olyaad Ahimaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.