Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila tola ooltummaan hojiileen Birrii biiliyoona 17.5’tti tilmaamaan raawwatamuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 2, 2016 (FBC)- Baatiiwwan ja’an darban sadarkaa biyyaalessaatti dargaggoota tola ooltotaan hojiileen Birrii biiliyoona 17 fi miiliyoona 598 fi kuma 561 gaggeeffamuu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksise.

Tola ooltummaa Gannaa fi Bonaan dameewwan 13 irratti dargaggoonni miiliyoona 23 fi kuma 541 ol hirmaachuun ibsameera.

Haaluma kanaan, tajaajilichaan kutaaleen hawaasaa miiliyoona 54 fi kuma 676 fi kuma 327 fayyadamtoota taasisan hojjetamuu Dursaan Garee Kominikeshinii fi Quunnamtii Ummataa Obbo Malaakuu Baayyuu dubbataniiru.

Dargaggoonni kunneen hojiilee misoomaa fi tajaajiloota hawaasummaa mootumma fi hawaasaan bira ga’amuu hindandeenye raawwachuu FBC’f ibsaniiru.

Hojiileen tola ooltummaa kanaan gaggeeffamanis, Ashaara Magariisaa, nageenyaa tiraafika, qulqullina naannawaa, arjooma dhiigaa, haaromsa manneen harka qalleeyyii, ijaarsa duudhaalee nageenyaa, ilaalcha godaansaa fi barsiifataa miidhaa geessisanirratti hojii hubannoo uumuu fa’aa ta’uu eeraniiru.

Yohaannis Darriboowutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.