Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila tola ooltummaa damee fayyaan lammiilee miiliyoona 2’f tajaajilli bilisaa ni kennama-MF

Finfinnee, Adoolessa 19, 2016 (FBC)- Sadarkaa biyyaalessaatti tajaajila tola ooltummaa damee fayyaa Gannaa baatii lamaaf turuun, lammiilee miiliyoona 2’f tajaajilli bilisaa kan kennamu ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sagantaan qorannoo, wal’aansa fi gorsa fayyaa bilisaa Gannaa, Hospitaalaa Phaawuloosii fi Hospitaalaa Kotabeetti har’aa eegaleera.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqidas Dhaabaan sagantaa eegalameerratti, tajaajilli tola ooltummaa fayyaa bilisaa sadarkaa biyyaalessaatti baatiiwwan lamaaf gaggeeffama jedhan.

Tajaajila kananis lammiilee miiliyoona 2’f tajaajilli bilisaa kan kennamu ta’uu dubbatan.

Tajaajila tola ooltummaa kanaan wal’aansaa bilisaa, dhiiga arjoomuu, haaromsa manneen harka qalleeyyii fi deeggarsa meeshaale barnootaa akkasumas biqiltuu dhaabuun kan gaggeeffamu ta’uu eeruu TOI gabaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.