Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila tola ooltummaa Bonaan baasii Birrii biiliyoona 2tti tilmaamamu oolchuuf ni hojjetama – Bulchiinsa magaalaa Finfinnee

Finfinnee, Sadaasa 7, 2015 (FBC) – Tajaajila kenna tola ooltummaa Bonaan baasii Birrii biiliyoona 2tti tilmaamamu oolchuuf kan hojjetamu ta’uu Bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksise.

Kutaalee hawaasaa kuma 353 fayyadamoo taasiisuuf kan hojjetamu ta’uu ibsameera.

Magaalaa Finfinneetti boruu eegalee hanga Caamsaa 30, 2015 kan turu tajaajilli kenna tola ooltummaa tola ooltoota kuma 246 hirmaachisu kan jalqabu ta’uu Komishinarri Komishinii Qindeessaa hirmaannaa Ummataa tajaajila tolaa Dooktar Jamaaluu Jambar ibsaniiru.

Sagantichaan hojiileen manneen maanguddootaa haaromsuu, maaddii qooduu, misooma magariisaa fi eeggumsa naannoo, arjoommiin dhiigaa fi kanneen biroo kan hojjetamu ta’uu ragaan Waajjira Kantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Baasii Birrii biiliyoona 2tti tilmaamamu oolchuuf ni hojjetama jedhan Dooktar Jamaaluun.

Sagantaan tajaajila tolaa kun Boru galma Barkumeetti kan eegalamu ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.