Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila si’ataa, qulqulluufi haqa qabeessa argachuun mirga lammiileeti – BKMNO

Finfinnee, Sadaas 5, 2015 (FBC) – Biiroon Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa haala yeroo ilaalchisee ibsa laateera.

Tajaajila si’ataa, qulqulluufi haqa qabeessa argachuun mirga lammiilee ta’uu ibseera.

Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.

Tajaajila si’ataa, qulqulluufi haqa qabeessa argachuun mirga lammiileeti.

Biyya tokko keessatti Mootummaan eeyyantaa uummataan aangoo qabate guddina siyaas-diinagdeefi badhaadhina hawaasummaa mirkaneessuufi tajaajila si’ataa, haqa qabeessaafi qulqulluu ta’e kennuun dirqama malee dhimma akka kennaatti ilaalamu miti.

Hawaasni ammoo ulaagaa tajaajila argachuuf isa dandeessisu guuttachuun manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran irraa tajaajila barbaadu argachuun mirga isaati.

Kanaaf, manneen hojii mootummaa abbaa dhimmaa ulaagaa isarraa barbaachisu guuttatee dhufeef seera, labsiifi qajeelfama manni hojichaa qabu bu’uureffachuun tajaajila iftoominaafi haqummaa qabu kennuuf dirqama akka qaban beekamaadha.

Waggoottan arfan darbaniin asitti jijjiirama akka biyyaatti eegalame fiixa baasuufi Badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf hojiiwwan babal’aan hojjetamaa jiru. Keessumaa, dirree siyaasaa bal’isuu, carraa gaarii biyyi keenya qabdu adda baasuun dinagdee cimaa ijaaruu, qonna ammayyeessuun oomishaaf oomishtummaa guddisuu, biyya lammii hunda walqixa keessummeessitu uumuu, nageenya waaraa mirkaneessuufi hojiiwwan hariiroo uummattoota biyyattii jabeessan hedduun hojjetamaniiru.

Haata’u malee, hojiiwwan gama hundaan hojjetaman kenna tajaajilaa si’ataa, qulqulluu, haqa qabeessaafi hanna irraa bilisa ta’een yoo hin deeggaramiin bu’aa qabeessa ta’uu hin danda’u.

Rakkoon kenna tajaajilaa qormaatilee imala jijjiiramaa biyyi keenya eegaltee jirtutti gufuu guddaa ta’aa jiran keessa tokko dha.

Naannoo Oromiyaa keessattis kenni tajaajilaa rakkoo guddaa akka qabu mootummaan qorannoo bal’aa taasisuun adda baasee jira.

Akka bu’aan qorannichaa agarsiisutti manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran keessatti kenni tajaajilaa iftoomina, haqummaafi qulqullummaa kan hin qabne, abbaa dhimmaa kan deddeebisu, tajaajila argachuun mirga abbaa dhimmaa ta’uu kan hin hubanne, hannaan kan guutameefi teknoloojiin kan hin deeggaramne ta’uun isaa adda ba’ee jira. Rakkoon kenna tajaajilaa manneen hojii mootummaa hunda biratti kan mul’atu ta’us manneen hojii kallattiin abbaan dhimmaa itti baay’atu biratti akka hammaatu beekamee jira.

Dallaalaan tajaajila manneen hojii mootummaa keessa harka naqachuun ammoo rakkinicha daran hammeessuun hawaasa rakkoo caaluuf saaxileera.

Dhimmi kun hariiroo mootummaafi uummataa irratti dhiibbaa kan fidu; imala Badhaadhinaa kan danquufi uummata kan mufachiisu waan ta’eef manneen hojii mootummaa naannichaa sadarkaan jiran hundi kenna tajaajilaa fooyyessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechuu akka qaban mootummaan kallattii kaa’ee jira.

Haala kana jijjiiruuf hooggansaafi ogeessa itti gaafatamummaa itti kenname dagachuun abbaa dhimmaa deddeebisu, tajaajila fedhii dhuunfaan jijjiiruufi haqa dabsuun hawaasa boossisu irratti sirna itti gaafatamummaa barsiisaa ta’e hojiirra oolchuun murteessaadha.

Kanaafis mootummaan kutannoo guddaan ni hojjeta.
Rakkoon kenna tajaajilaa keessa jiru kutannoo mootummaa qofaan furamuu waan hin dandeenyeef akkasumas sirni itti gaafatamummaa hojiira oolfamu bu’aa qabeessa akka ta’uuf abbootii dhimmaa dabalatee tumsa qaama hundaa barbaada.

Kanaaf, hawaasni keenya yeroo tajaajilaaf gara manneen hojii mootummaa deemu ulaagaalee tajaajilaaf isa barbaachisan guuttachuufi mirga isaa kabachiisuun cinatti qaamota haqa uummataa dabsan saaxiluun ga’ee isarraa eegamu ba’uu qaba.

Gama biraan rakkoo kana maqsuun tajaajilli manneen hojii mootummaa keessatti kennamu iftoomina akka qabaatuufi itti quufinsa uummataa kan mirkaneesse akka ta’uuf miidiyaaleen biyya keenyaa miira itti gaafatamummaa qabuun ijaaf gurra uummataa taatanii dirqama ogummaa keessanii akka baatan waamicha dhiyeessina.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.