Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila raaga haala qilleensaa buufataa fi qaamolee bishaanii kennuuf qophiin taasifamaa jira

Finfinnee, Amajjii 1, 2016 (FBC)- Tajajila raaga haala qilleensaa buufataa fi qaamolee bishaanii kennuuf qophii barbaachisaa taasisaa jiraachuu Inistiitiyuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksise.

Inistityuutichi Itiyoophiyaarra darbee biyyoota ollaa fayyadamtoota kan taasisu tajaajila raaga haala qilleensaa kennuuf dandeetti akka qabu ibsameera.

Daayrektarri Olaanan Inistiitiyuutichaa Obbo Faxxanaa Tashoomaan akka jedhanitti, tajaajilli raaga haala qilleensaa damee aviyeeshiniif tajaajila mureessaadha jedhan.

Inistiitiyuutichis buufata dabalatee qaamolee bishaanirra geejjiba gaggeeffamu saffisiisuuf teeknooloojii Maariin fayyadamuun tajaajila raaga haala qilleensaa kennuuf qophii taasisaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.