Tajaajila qulqulluu fi si’ataa kennuuf xiyyeeffannaan hojjenna – kantiibaa Adaanach Abeebee
Finfinnee, Bitootessa 13, 2017(FMC) – Tajaajila qulqulluu fi si’ataa kennuuf xiyyeeffannaan hojjechuu akka itti fufan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.
Fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti akka beeksisanitti, geggeesaitoota aanaa magaalichaaf leenjiin kennamaa ture xumuramuus ibsaniiru
Leenjichi hojii jijjiiramaa fi haaromsa bu’uuraa dhaabbilee tajaajila kennan keessatti eegalame caalmaatti bu’aa akka fiduuf fi tajaajilaa uummataa ga’umsa qabu uumuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru
Bulchiinsi magaalichaa Finfinneen ittigaafatama irraa eegamu akka baatuu fi geggeessaa ga’umsa qabuu fi jiraattotaaf tajaajila si’ataa fi fooyya’aa kennuu danda’u horachuu irra akka jirus ibsan,
kenna tajaajilaa irratti gara fuula duraattis jijjiirama bu’uuraa fiduuf filannoo fi bobbiin oggansaa ga’umsaa fi dandeettiin akka ta’u, jiraattotaaf tajaajila qulqulluu fi si’ataa kennuuf akka hojjetu himaniiru.